Dhaloonni xiiqii misoomaa barootaaf irra jiru Hidha Haaromsaa Guddichaan guuttachuu danda’eera – Dooktar Habtaamuu Ittafaa
Finfinnee, Hagayya 21, 2017 (FMC) – Dhaloonni humna ofii fi irree isaa jabaan xiiqii misoomaa barootaaf qabu Hidha Guddicha Haaromsaan milkeeffachhu danda’eera jedhan Ministirri Ministeera Bishaanii fi Inarjii Dooktar Injiinar Habtaamuu Ittafaan.
Ministirichi akka ibsanitti, Pirojeektiin madda anniisaa guddichi Itiyoophiyaan tumsa lammiilee isheen dhugoomsite yeroo dhiyootti karaa addunyaa raajuun bifa addaan eebbisiisuuf qophiirra jirti jedhan.
Ergaan Ministira Muummee milkaa’inni Itiyoophiyaa bu’uura Olkaa’iinsa Itiyoophiyaa ta’uu kan hubachiise ta’uu eeranii, fuula duraafis badhaadhina Itiyoophiyaaf hidha Haaromsaa cinatti milkaa’inoota guguddoo hedduun milkessuun akka danda’amu erga hubachiisee dha jedhan
Milkaa’inni pirojeektii Hidha Guddicha Haaromsaa dhaloota dhufuuf dabalatee hiika guddaa kan qabu ashaaraa misoomaa cululuqaa ta’uu ibsan.
Itiyoophiyaanoonni addunyaa guutuu irra jiran Itiyoophiyaan lageen daangaa ce’an irratti sirni ittifayyadama bishaanii haqa irratti hundaa’e akka jiraatuuf hojjechaa turan jedhan.
Milkaa’inni Hidha Haaromsaa cabiinsa ittifayyadama bishaanii haqummaa hinqabnee fi barootaaf turee kan haqe ta’uu dubbatan.
Biyyoonni yaa’a gadii yaa’iinsa bishaanii amansiisaa akka argatan gochuun balaa lolaa isaan mudachaa ture hambisuun danda’ameera jedhan..
Karaan Itiyoophiyaan pirojeektii misoomaa guddicha kana ittiin milkeessite fayyadamummaa biyyoota yaa’a lagichaa fi naannawaa bira darbee biyyoonni Afirikaa biroon muuxannoo fudhachuuf gaaffii dhiyeessaa akka jiran dubbataniiru.
Bishaan Hidhichi qabate dhiyeessii humnaan alattis madda qabeenya qurxummii fi bakka ga’iinsa Ikoo-tuurizimii ta’aa jiras jedhan.
Humni elektirikaa hidhichi maddisiisu fedhi humna elektirikii biyya keessaa fi naannawaa guutuuf humna guddaa kan uume ta’uus hubachiisaniiru.
Almaaz Mokonniintu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.