Godina Geediyootti Sigiga lafaan lubbuun namoota 9 darbe
Finfinnee, Hagayya 22, 2017 (FMC) –Godina Geediyoo Aanaa Reephitti balaa sigiga lafaa mudateen lubbuun namoota 9 darbe.
Balichi halkan edaa Sa’aatii 5tti kan mudate ta’uu Qajeelchi Poolisii Godinichaa Faanaa Miidiyaa Koorporeeshiniif ibseera.
Balaa mudateen hanga ammaatti lubbuun namoota 9 darbuun ibsameera.
Bulchaan Godinichaa Dooktar Zinaabuu Waldee fi qondaaltoonni biroon har’a ganama Aanaa Reephitti argamuun maatii miidhamtoota jajjabeessaniiru.
Namoota qe’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’aniif deeggarsi barbaachisu kan taasifamu ta’uu dubbataniiru.
Maastawaal Asaffaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.