Tajaajilli Giddugala tokkoo Masob naannolee Oromiyaafi Amaaraatti eegaluufi
Finfinnee, Hagayya 22, 2017(FMC)- Tajaajilli Giddugala tokkoo Masob baatii Fulbaanaarraa eegalee naannolee Oromiyaafi Amaaraatti magaalota garaagaraatti ni jalqaba.
Akka Itti aanaa Hogganaan Biiroo Paabilik Sarvisii fi Misooma Humna Namaa Oromiyaa Daamxoo Gammachuu jedhanitti, naannichatti baatii Fulbaanaarraa eegalee magaalota afuritti tajaajilicha kennuuf qophiin xumurameera.
Magaalonni tajaajilli kun keessatti eegalamus Adaamaa, Bishooftuu, Shaggariifi Shaashamannee ta’uu Faanaa Miidiyaa Korporeeshiniitti himaniiru.
Yeroo itti aanu marsaa lammaffaan adeemsi tajaajilicha magaalota 19’tti babal’isuu cimee akka itti fufus ibsaniiru.
Hogganaan Biiroo Qabeenya Namaafi Siiviil Sarvisii Naannoo Amaaraa Baanchi’amlaak Gabramaariyaam gamasaaniin, naannichatti Fulbaanaarraa eegalee magaalota Baahirdaar, Daseefi Goondaritti tajaajilichi kan eegalu ta’uu himaniiru.
Magaalota Dabra Birhaan, Dabra Maarqoos, Kombolchaafi Dabra Taaboritti ammoo marsaa lammaffaan kan eegalu ta’uu ibsan.
Zufaan Kaasaahuntu Gabaase.
Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.