Fana: At a Speed of Life!

Naannoon Hararii Baajata bara 2018 Birrii biiliyoona 8.7 raggaasise

Finfinnee, Hagayya 22, 2017 (FMC) – Manni Maree Naannoo Hararii baajata bara 2018 Birrii biiliyoona 8 fi miiliyoona 700 gochuun raggasiseera.

Manni Marichaa yaa’ii idilee 8ffaa Marsaa 6ffaa waggaa 4ffaa gaggeesseen baajata naannicha bara 2018 Birrii biiliyoona 8 fi miiliyoona 700 taasisuun raggaasiseera.

Birriin biiliyoonni 5 fi miiliyoonni 600 fi miiliyoonni 40 fi kumni 800 ol Baajata Kaappitaalaaf kan ramadame ta’uu Hogganaan Biiroo Maallaqaa fi Diinagdee naannichaa Mahaammad Yaahiyaa ibsaniiru.

Birriin biiliyoonni 2 fi miiliyoonni 900 fi miiliyoonni 66 ol immoo baajata idilee ta’uu dubbachuu isaanii Itti Gaafatamaan Waajjira Dhimmoota Kominikeeshinii naannichaa Henook Muluneeh Faanaa Diijitaaliif ibsaniiru.

Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.