Fana: At a Speed of Life!

Daangootee Giruuppi muuxannoo gaarii waan qabuuf Kompileeksiin Oomisha xaa’oo akkaataa karoorfameen ni xumurama

Finfinnee, Hagayya 22, 2017(FMC)- Daangootee Giruuppi muuxannoo gaarii waan qabuuf Kompileeksiin oomisha xaa’oo akkaataa karoorfameen ni xumurama jedhe Itiyoophiyaa Invastimanti Hooldiingis.

Bakka Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad argamanitti guyyaa har’aa Itiyoophiyaa Invastimanti Hooldingisi fi Daangootee Giruuppi gidduutti waliigalteen qoodaa Kompileeksii oomisha xaa’oo mallatteeffameera.

Waligalticha ilaalchisuun Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Itiyoophiyaa Invastimanti Hooldingisi Dooktar Biruuk Taayyee ibsa kennaniin, Kompileeksiin oomisha xaa’oo kun lammiileef carraa hojii uumuu dabalatee faayidaa gama maraa qabaachuu kaasan.

Pirojektichi baasii Doolaara biiliyoona 2 fi miiliyoona 500 kan ijaaramu yoo ta’u waggaatti xaa’oo hanga meetirik toonii miiliyoona sadii oomishuu danda’a.

Bu’uura waliigaltee Kanaan qoodni Itiyoophiyaa Invastimanti Hooldiingis %40 yoo ta’u kan Daangootee Giruuppi ammoo %60 ta’uu Dooktar Biruuk Taayyeen eeraniiru.

Pirojekticha baatiiwwan 40 keessatti xumuruuf karoorfamuufi lammiilee biyyattii kumaatamatti lakkaa’amaniif carraa hojii kan uumu ta’uu ibsaniiru.

Daangootee Giruuppi damichaan muuxannoo fooyya’aa waan qabuuf pirojekticha yeroo qabameefitti ni xumurra jedhaniiru.

Kompileeksiin oomisha xaa’oo kun oomisha xaa’oorra darbee indaastiriiwwan biroorratti dhiibbaa gaarii kan qabu ta’uus hubachiisaniiru.

Soosinnaa Alamaayyahuun.

Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.