Itiyoophiyaa addunyaatti beeksisuuf imalli aartii gahee olaanaa qaba
Finfinnee, Hagayya 30, 2017 (FMC) – Itiyoophiyaa addunyaatti beeksisuuf imalli Aartii fi Aadaa Itiyoophiyaa gahee olaanaa qaba jedhan Ministir Deetaan Tajaajila Koominikeeshinii Mootummaa obbo Tasfahuun Gobazaay.
Imalli gara Raashiyaatti taasifamu Itiyoophiyaa waltajjii addunyaarratti beeksisuu gahee qabaachuu kaasan.
Jilli Aadaa Itiyoophiyaa mata duree ‘Itiyoophiyaa bayyanachiisuu.
jedhuun gara Raashiyaatti kan imalu ta’uu eeran.
Imala yeroo 2ffaaf gara Raashiyaatti godhamu ilaalchisee Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa fi Ministeera Aadaa fi Ispoortii waloon ibsa kennaniiru.
Imalichi Itiyoophiyaa haalan kan beeksise ta’uu eeran obbo Tasfahuun Gobazaay.
Jilichi Aadaa, Duudhaafi kennaawwan Itiyoophiyaanotaa addunyaatti beeksisuun, Itiyoophiyaan carraalee Invastimantiifi Turiziimii hedduu akka argattuuf karra bana jedhan.
Imalli gara Raashiyaatti taasifamu hariiroo obbolummaa ummattoota biyyoota lamaanii waggoota dheeraaf ture caalmaatti kan cimsu ta’uu Ministir Deetaan Ministeera Aadaafi Ispoortii Gargaaraan Piroofeesaraa Nabiyyuu Baayyeen dubbataniiru.
Yoonaas Geetinnatiin
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.