Fana: At a Speed of Life!

Damee hundaan hojiin biyya cimtuu bu’uura jabduu ijaaruu raawwatamaa jira – Obbo Tamasgeen Xurunaa

Finfinnee, Qaammee 1, 2017 (FMC) –Damee hundaan hojiin bu’uura cimaa, biyya jabduu ijaaruu raawwatamaa jira jedhan Ministirri Muummee Itti Aanaan FDRI Obbo Tamasgeen Xurunaan.

Obbo Tanasgeen Xurunaan har’a Qaammee 1 guyyaa Cichoominaa sababeeffachuun, sosochii damee Qonnaa, Indaastiriiwwani fi Albuudaa daawwataniiru.

Dhiiga gootootaan biyya cimtuu fi jabduun ijaaruun milkaa’aa jira jedhan.

Dhaabbileen Mandhaleewwan oomishaalee qulqullina qaban oomishaa jiraachuu daawwannichaan hubachuu kaasan.

Gootoota misoomaan imalli olka’iinsa Itiyoophiyaa milkaa’aa akka jiru mul’iftuudha jedhan.

Hojiin biyya damee hundaan bu’uura cimaa qabdu ijaaruu gaggeeffamaa akka jiru dubbatan.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.