Fana: At a Speed of Life!

Geejjibni Galaanaa fi Loojistiksii Itiyoophiyaa bara baajataa xumurame galii Birrii biiliyoona 100 fi biiliyoona 8 ol argate

Finfinnee, Qaammee 1, 2017 (FMC) –Geejjibni Galaanaa fi Loojistiksii Itiyoophiyaa bara baajataa xumurame galii Birrii biiliyoona 100 fi biiliyoona 8 fi ol argadhe jedhe.

Dhaabbatichi bakka walitti qabaan boordii dhaabbatichaa fi Ministirri Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shiideen argamanitti guyyaa hojjettootaa kabajeera.

Bara baajatichaa Birrii biiliyoona 100 fi biiliyoona 1 walitti qabuuf karoorfatee biiliyoonna 100 fi biiliyoona 8 ol argachuu Hoji Raawwachiisaa Olaanaan Geejjiba Galaanaa fi Loojistiksii Itiyoophiyaa Dooktar Bariisoo Amaloon ibsaniiru.

Dhaabbatichi daddabarsa Fe’umsaa, Tarminaal Buufataa, Tajaajila Koorporeeshiniin bu’aa olaanaa galmeessuu eeran.

Geejjibni Galaanaa fi Loojistiksii Itiyoophiyaa hojiilee bu’aa qabeessa raawwachuun guddina Itiyoophiyaaf gumacha olaanaa taasisaa jiraachuu Walitti Qabaan Boordii fi  Ministirri Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shiideen.

Ministirri Ministeera Geejjibaa fi Loojistiksii Dooktar Alamuu Simee, Ministir Deetaa Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Birhaanuu Tsaggaayee dabalatee hoggantoonni fi hojjettoonni dhaabbichaa saganticharratti argamaniiru.

Yeshaambal Mihiratiitu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.