Itiyoophiyaan faayidaa malee miidhaa biyyoota ollaashee hinfeetu- Dooktar Abiy Ahimad
Finfinnee, Qaammee 4, 2017 (FMC) – Itiyoophiyaan faayidaa malee miidhaa biyyoota ollaashee akka hinfeene ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad ibsan.
Piroojektiin Hidha Guddicha Haaromsaa bakka hoggantoonni biyyootaa adda addaa fi dhaabbilee idil addunyaa argamanitti har’a eebbifameera.
Sirna kana irratti ergaa kan dabarsan Ministirri Muummee Itiyoophiyaa Dooktar Abiy Ahimad Itiyoophioyaan hidha kana kan ijaarte biyyoota yaa’a gara gadii miidhuuf utuu hin taane naannawichaaf ifa guddaa fiduuf jedhan.
Beellii fi miidhaan biyyoota ollaa kanneen akka Ijipti, Sudaanii fi kanneen biroo miidhaa fi beela keenya waan ta’eef wal tumsa malee fedhii olloota keenya miidhuu hinqabnu jechuun irradeebiin mirkaneessan.
Kanaaf firoonnis ta’e diinonni fagoo fi dhihoo, Itiyoophiyaanonni qaama malee maqaa du’u akka hinqabne beekanii, yaada hamaa irraa fagaachuun waliigaluun hojjechuu qofaaf akka of qopheessan hubachiisaniiru.
Kanaafis guddina Itiyoophiyaa fi naannawichaa dhugoomsuuf waliin haa dhaabannu jechuun dhaamaniiru.
Hoggantoota biyyoota ollaa sirna eebbaa kana irratti argamnis Itiyoophiyaan badhaadhina isheerraa akka isaaniif gumaachitu kaasuun galateeffataniiru.
Yoonaataan Birhaanutiin