Shaampiyoonaan Atileetiksii addunyaa 20ffaan boru Tookiyootti eegala
Finfinnee, Fulbaana 2, 2018 (FMC) – Shaampiyoonaan Atileetiksii addunyaa 20ffaan boru Jaappaan magaalaa Tookiyootti eegala.
Itiyoophiyaan fageenya meetira 800 hanga Maaraatoonnitti Koorniyaa lamaaninuu dorgommicharratti ni hirmaatti.
Shaampiyoonaan kun Fulbaana 3 – 11, 2018 Jaappaan Magaalaa Tookiyootti gaggeeffama.
Jilli Atileetiksii Itiyoophiyaa shaampiyoonicharratti hirmaatu gara Tookiyoo imaleera.
Atileetoonni kumni 2 ol kan biyyoota 200 irraa walitti babba’an dorgomicharratti ni hirmaatuun eegama.
Gosoota Ispoortii 49’n dorgommiin kan gaggeeffamu yoo ta’uu, Meedaaliyaawwan 147 badhaasaaf dhiyaachuu ragaan fuula Atileetiksii addunyaarraa argame ni mul’isa.
Siifan Magarsaatiin
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.