Fana: At a Speed of Life!

Har’a fiigichi xumuraa meetira kuma 10 Atileetoonni Itiyoophiyaa itti eegaman ni fiiggama

Finfinnee, Fulbaana 3, 2018 (FMC) – Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa 20ffaan har’a fiigichi xumuraa meetira kuma 10 Atileetoonni Itiyoophiyaa itti eegaman ni fiiggama.

Shaampiyoonaan Atileetiksii Addunyaa 20ffaan har’a Jaappaan Magaalaa Tookiyootti eegala.

Haaluma kanaan har’a waaree booda sa’aatii 9:30 eegalee fiigichi xumuraa meetira kuma 10 Atileetoota dubartotaa gidduutti kan dorgomamu yoo ta’u, Atileet Ijjiggaayyoo Taayyee, Gudaaf Tsaggaayyii, Fooyitan Tasfaayii fi Tsiggee Gabrasalaamaan Itiyoophiyaa bakka bu’uun ni hirmaatu.

Akkasumas sagantaa baniinsa shaampiyoonichaan guyyaa sa’aatii 6:05 eegalee fiigichi gulaallii gufachiisa meetira kuma 3 dhiiroota gidduutti kan dorgomamu yoo ta’u, sa’aatii 7:50 irratti ammoo fiigichi gulaallii meetira kuma 1 fi 500 dubartoota gidduutti ni gaggeeffama.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.