Dorgommiin xumuraa fiigicha meetira kuma 10 dhiirotaa har’a ni gaggeeffama
Finfinnee, Fulbaana 4, 2018(FMC)- Dorgommii Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa 20ffaan dorgommiin xumuraa fiigicha meetira kuma 10 dhiirotaa guyyaa har’aa ni gaggeeffama.
Dorgommichi sa’aatii 9:30’tti kan eegalu yoo ta’u Atileetonni Itiyoophiyaa Yoomiif Qajeelchaa, Barrihuu Aragaawwiifi Salamoon Baaraggaan ni hirmaatu.
Gama biraan sa’aatii 9:05 irratti fiigichi walakkaa xumuraa meetira 1500 dubartootaa kan dorgomamu yoo ta’u dorgommii kanarratti Fireewayin Hayiluun ni hirmaatti.
Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa 20ffaa Kanaan Atileet Tigist Asaffaan fiigicha maaraatoonii dubartootaan meedaaliyaa Meetii, Atileet Gudaaf Tsaggaayee ammoo fiigicha dubartootaa meetira kuma 10’n meedaaliyaa Nahaasa Itiyoophiyaaf argamsiisaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.