Naannoo Oromiyaatti adeemsi baruufi barsiisuu bara barnootaa 2018 eegale
Finfinnee, Fulbaana 5, 2018(FMC)- Naannoo Oromiyaatti adeemsi baruufi barsiisuu bara barnootaa 2018 guyyaa har’aa eegaleera.
Naannichatti adeemsi baruufi barsiisuu bara kanaa guyyaa har’aa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhii Mana Barumsaa Sadarkaa 1ffaa Daallee Dambalitti eegalchiifameera.
Sagantaa kanarratti Hogganaa Itti aantuu Biiroo Barnootaa Oromiyaa aadde Habiibaa Ahimad dabalatee barattoonni, maatiin barattootaafi keessummoonni biroon argamaniiru.
Naannichatti hojii Manneen Barnootaa Bultii Addaaf xiyyeeffannoo kennamee hojjetameen bu’aa gaariin argamuu aadde Habiibaan ibsaniiru.
Gammachuu Beekumaatu Gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.