Fana: At a Speed of Life!

Sadarkaa hubannoo namtolchee addunyaan irraa ga’e giddugaleessa godhachuun dhaloota ijaaraa jirra – obbo Tamasgeen Xurunaa

Finfinnee, Fulbaana 10, 2018 (FMC) – Ijaarsa dhalootaa Kaayyoo Dijiitaal Itiyoophiyaa fi sadarkaa hubannoo namtolchee addunyaan irra ga’e giddugaleessa godhate irratti hojjechaa jirra jedhan Ministirri Muummee itti aanaan Itiyoophiyaa obbo Tamasgeen Xurunaa.

Obbo Tamasgeen kana kan dubbatan leenjitoonni leenjii hubannoo namtolchee fudhataa turan 300 wayita eebbifamanittti.

Inistiitiyuutiin Hubannoo Namtolchee guddattoota ganna kana leenjisaa ture bakka Ministirri Muummee itti aanaan obbo Tamasgeen Xurunaa argamanitti eebbisiiseera.

Obbo Tamasgeen wayituma kana dhiibbaa dhufu dandamachuu akka dandeenyuuf guddattoota warraaqsa hubannoo namtolchee waliin deemuu danda’an irratti hojjechuu qabna jedhan.

Carraan nudarbe dhaloota kana darbuu hin qabu kan jedhan obbo Tamasgeen, dhaloonni kun walitti bu’iinsa, waraanaa fi rakkoo dhaaluu akka hinqabne dubbatan.

Leenjiin ol-guddattootaaf kennamaa jiru tekinooloojicha fayyadamuun yaadawwan kalaqaa rakkoo furuu irratti xiyyeeffatan akka maddisiisan kan gargaaru ta’uus ibsaniiru.

Itiyoophiyaan Afrikaa keessaa Inistiitiyuutii Hubannoo Namtolchee ijaaruu ishees yaadachiisanii, hojiiwwan imala Itiyoophiyaa dijiitaalessuu dhugoomsan hedduu hojjechaa akka jirtus hubachiisaniiru.

Laykun Alamtu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.