Paartileen siyaasaa dorgommii filannoo qofa osoo hin taane, waliigalteen biyyaalessaa akka uumamu hojjechuu qabu – Dooktar Abiy Ahimad
Finfinnee, Onkololeessa 27, 2019 (FMC) – Yaa’iin Paartilee Siyaasaa Afrikaa 2ffaa mata duree “Guddinaaf Hogganuu” jedhuun gaggeeffamaa jira.
Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad yaa’icharratti argamuun ergaa dabarsaniin Paartileen siyaasaa dorgommii filannoo qofa osoo hin taane, waliigalteen biyyaalessaa akka uumamu hojjechuu qabu jedhan.
Wiirtuu Afrikaa kan taate Finfinneen, waltajjii guddaa ardii kana keessummeessuun ishee hunda keenyaa ni boonsa jedhan.
Yaadama Ida’amuu bu’uura godhachuun, tokkummaa uummataa, itti gaafatamummaa fi bulchiinsa hunda hammataa ta’e mirkaneessuun murteessaa ta’uu eeran.
Paartileen siyaasaa dhimmoota faayidaa biyyaaf akka hojjetan gaafatan.
Dhaloonni itti aanu itti gaafatamummaa fudhachaa akka guddatu,carraas akka argatu haala mijataa uumuun barbaachisaa ta’uu eeran.
Itiyoophiyaan leenjii Akkaadaamii Hoggansaa Afrikaan kennitu Paartilee Siyaasaa Afrikaa hundaaf banaa gochuu itti fufti jedhan.
Uummata keenyaaf carraa fooyya’aa uumuuf itti gaafatamummaa nurra eegamu bahuu itti fufna jechuun ibsan.
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad Yaa’ii Paartilee Siyaasaa Afrikaa 2ffaa cinaatti Dura Taa’aa Komishinii Gamtaa Afrikaa Mahaammuud Alii Yuusuuf waliin mari’ataniiru.
Bulchiinsa ardii, adeemsa siyaasaa hammataa, dhimmoota misoomaa waggoota dheeraa dursi kennamuuf akkasumas hoggansa Afrikaa cimsuurratti mari’achuu eeraniiru.
#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa