Fana: At a Speed of Life!

Hojii seenaa dachee jijjiire…

Finfinnee, Onkololeessa 27, 2019 (FMC) – Sagantaan Ashaaraa Magariisaa Itiyoophiyaan hojiirra oolchaa jirtu bu’aalee qabatamaa hedduu galmeessaa jira.

Kunis olkaa’iinsa Itiyoophiyaa qabatamaan mirkaneessera.

Sagantaan Ashaaraa Magariisaa Itiyoophiyaa kun sadarkaa addunyaatti beekamtii argateera.

‎Sagantaan Ashaaraa Magariisaa Inisheetivii yaadama ida’amuu irraa maddeefi dhiibbaa jijjiirama qilleensaa addunyaa qoraa jiruuf furmaataa waaraa ta’e hojii bu’aa hedduu argamsiisedha.

Qilleensi jijjiiramaa dhufuun hongee, lolaa, lubbu-qabeeyyii, dhiqama biyyee akkasumas oomishtummaa qonnaa irratti dhiibbaa guddaa geessisaa jira.

Yeroo jijjiiramni qabeenya qilleensaa, gammoojjummaa fi mancaatiin qabeenya uumamaa guutuu addunyaatti yaaddoo guddaa ta’an jiranitti sagantaan ashaaraa magariisaa Itiyoophiyaa bu’aa mul’atu fideera.

Bara 2011 kaka’umsa Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimadiin kan eegalame sosochiin uummataa guddaan kun duula dhaabbii biqiltuurra darbee lammiilee miiliyoonatti lakkaa’aman hirmaachisuun uwwisa bosonaa biyyattii sadarkaa olaanaan guddisuu danda’eera.

Milkaa’inni kun biyya keessatti qofa osoo hin taane waltajjii idil-addunyaa irratti beekamtiifi badhaasa argamsiiseera.

Ashaaraa magariisaa biqiltuuwwan bosonaa akkasuma fuduraaleefi nyaata beelladaa babal’isuun qonnaan bultootaaf galii dabalataa uumuun wabii midhaan nyaataa mirkaneessuu keessatti qooda olaanaa bahateera.

Sagantaa ashaaraa magariisaa bara 2011 eegalame kanaan hanga ammaatti biqiltuuwwan akaakuu garaagaraa biiliyoonni 56.8 dhaabbataniiru.

Uwwisni Bosonaa % 17.2 irraa gara % 23.6tti guddateera.

Dhiqamni biyyoo hektaara tokkotti Toonii 130 ture gara Toonii 54tti gadi bu’uura.

Waggoota darban keessa lammiileen Itiyoophiyaa Miiliyoona lakkaawwaman waloon biqiltuu Ashaaraa magariisaa dhaabaniiru.

Waggoota saddeettan darbanitti hojii misooma sululaa qindaa’aafi sagantaa ashaaraa magariisaa hojjetameen lafti hektaarri miiliyoonni 38 manca’ee ture deebi’ee bayyanachuu danda’eera.

Inisheetiiviin kun hojii dhaabbii biqilootaa qofa osoo hin taane, eegumsa biyyoofi bishaanii, haaromsa lafa miidhame, wabii nyaataa, guddina diinagdee fi ittisa jijjiirama qilleensaa walitti hidhee milkaa’ina guddaa galmeesseera.

Hojiileen Ashaaraa Magariisaa Itiyoophiyaa akka biyyaatti aadaa magariisummaa dagaagsuu, jijjiirama qilleensaa ittisuu, carraa hojii babal’isuu fi wabii nyaataa mirkaneessuu qofa osoo hin taane, dipiloomaasii jijjiirama qilleensaa cimsuu keessattis gahee olaanaa bahateera.

Hojiin hojjetame kun seenaa dachee jijjiireera.

Akka naannoo Oromiyaatti hojiilee Sagantaa kanaan hojjetamaniin uwwisni bosonaa % 17 ture gara % 29’tti ol guddateera.

Waggoottan itti aanaan ammo gara % 40’tti ol guddisuuf hojjetamaa jira.

Ammaa Sagantaan Ashaaraa magariisaa abdiirraa gara bu’aa qabatamaatti ce’eera.

Milkaa’inni kunis bu’aa murannoo fi kutannoo cimaa Uummataa fi Mootummaatiin kan argameedha.

Siifan Magarsaatiin

#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.