Duudhaalee Irreechaa beeksisuu keessatti Faanaa Miidiyaa Korporeeshin gahee olaanaa bahateera
Finfinnee, Fulbaana 24, 2018(FMC)- Duudhaaleen Irreechaa sabaafi sablammoota keessatti akka dagaagu taasisuu keessatti Faanaa Miidiyaa Korporeeshin gahee olaanaa bahateera jedhan Hogganaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa Obbo Hayiluu Addunyaan.
Obbo Hayiluu Addunyaa konsartii addaa Faanaa Miidiyaa Korporeeshin Irreecha bara 2018 sababeeffachuun qopheesse irratti haasawa taasisaniin, Mootummaan Naannoo Oromiyaa aadaan uummata Oromoo akka guddatuufi dagaagu akkasumas ijaarsa biyyaa keessatti gahee olaanaa akka taphatuuf hojiilee gurguddoo hojjechuu kaasaniiru.
Sirni gadaa ijaarsa biyyaafi tokkummaa Oromoo cimsuuf akka ta’utti kaariikulamii barnootaa keessa galchee hojjechaa jira jedhan.
Duudhaafi safuun Oromoo bifa barnootaa qabatee ijaarsa biyyaaf akka ooluu danda’utti barnoota safuu hojii keessa galchuun hojjechaa jiraachuus yaadachiisan.
Kun immoo aadaan Oromoo dagaagee bifa jaarmiyaa akka qabatu taasisuuf ta’uu kaasan.
Sirni aadaa Oromoo biyyarra darbee sadarkaa idil-addunyaatti beekamtii akka argatuu taasisuus hubachiisan.
Duudhaaleen Irreechaa sabaafi sablammoota keessatti akka dagaagu taasisuu keessatti meediyaaleen gahee qabaachuu eeranii, kana keessatti qoodni Faanaa Miidiyaa Korporeeshin olaanaa akka ta’e dubbataniiru.
Duudhaan kun akka babal’atuufi saboota biroo biratti roga gaariin akka hubatamu taasisuu keessatti gahee Faanaa Miidiyaa Korporeeshin bahateef galateeffataniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.