Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Abiy Ahimad tarsiimoo dijiitaalaa 2030 eegalchiisan

Finfinnee, Fulbaana 30, 2018(FMC)- Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Awutoomeeshinii fayyadamuun kenniinsa tajaajilaa kan cimsu tarsiimoo dijiitaalaa 2030 eegalchiisneerra jedhan.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, teeknooloojii ammayyeessuurratti kan xiyyeeffatu tarsiimoon dijiitaalaa 2025 milkaa’inaan xumuramuu hordofee amma haala fooyya’aan galtee maashinii( Awutoomeeshinii) fayyadamuun kenniinsa tajaajilaa kan cimsu dijiitaal 2030 eegalchiisneerra jedhan.

Waliingahiinsi haqaa dhimmoota lammiileef barbaachisoo ta’an keessaa tokko ta’uu kaasanii, Manni Murtii Olaanaan Federaalaa sirna si’ataa, Iftoomina qabuufi bu’aa qabeessa ta’e ijaaruuf hojjechaa akka jiru ibsaniiru.

Guyyaa har’aa adeemsi kenniinsa murtii Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa haalaan waraabamuu isaa mirkaneessuuf sirna Mana Murtii Ismaarti sagalee gara barreeffamaatti jijjiiruufi haala amansiisaan kan itti kaa’amu misoomee arguu kootti gammadeera jedhan.

Sirnichi namoonni haqa barbaadan gara Finfinnee qaamaan dhufuun osoo irraa hin eegamiin bakkuma jiran taa’aanii dhimma isaanii hordofuu kan dandeessisu ta’uus eeran.

Dabalataanis sirnoonni “Network Operation Center” fi “Integrated Case Management System” jedhaman abbootiin dhimmaa bu’uuraalee dijiitaalaan dhimma isaanii kan ittiin hordofan ta’uu ibsaniiru.

Yeroo ammaa dameewwan federaalaa 24 sirnichaan hammatamuu fi yeroo dhiyoottis gara naannoleetti kan babal’ifamu ta’uu yaadachiisaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.