Taphni har’a Arsenaal Kiristaal Paalaas, Astoon Viilaan ammoo Maanchiister Siitii keessummeessan ni eegama
Finfinnee, Onkololeessa 16, 2018 (FMC) – Taphoota Piriimeer Liigii Ingiliiz torbee 9ffaan taphni har’a Arsenaal Kiristaal Paalaas, Astoon Viilaan ammoo Maanchiister Siitii keessummeessan ni eegama.
Piriimeer Liigichaan har’a taphoonni 5 kan taphataman yoo ta’u, waaree booda sa’aatii 11:00 eegalee Arsenaal – Kiristaal Paalaas, Astoon Viilaan – Maanchiister Siitii, Boornimaawuuz – Notingahaam Forest, akkasumas Woolviis – Barnileey waliin taphatu.
Galgala sa’aatii 1:30 jalqabee taphni Eevartan – Tootenhaam waliin taphatus xiyyeeffannoo argateera.
Taphoota hanga ammaatti taphatameen Arsenaal qabxii 19 walitti qabachuun liigicha yoo dursu, Sandarlaand qabxii 17 sadarkaa fi Maanchiister Siitiin qabxii 16 sadarkaa 3ffaarra jira.
Shaampiyoonaan bara darbee Liiverpuul kaleessa Bireentifoordiin injifatamuun kan yaadatamuudha.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.