Fana: At a Speed of Life!

Marii Doonaaldi Tiraaampi fi Shii Jiinpiingi bu’aa ajaa’ibsiisaan xumurame

Finfinnee, Onkoloolessa 20, 2018 (FMC) – Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaaldi Tiraampi fi Pirezidaantiin Chaayinaa Shii Jiinpiingi Kooriyaa Kibbaatti dhimmoota garaagaraarratti mari’ataniiru.

Mariin isaanii dhimmoota tumsaan hojjechuu danda’an fi fayyadamummaa waloo mirkaneessan irratti xiyyeeffachuun ibsameera.

Pirezidaanti Tiraampi maricha ilaalchisee ibsa kennaniin, mariin Shii Jiinpiingi waliin taasisan dinqisiisaa akka ture dubbataniiru.

Dhimmoota hedduurratti waliigalteerra gahuu kaasanii, kunis tumsa gama maraa biyyoota lameenii daran kan jabeessudha jedhan.

Bu’uura waliigaltee kanaan Ameerikaan taariifa shaqaxaalee Chaayinaa irra keesse %57 irraa gara %47’tti kan hir’istu ta’uu eeran.

Biyyoonni lameen yeroo dhiyootti waliigaltee daldalaa waliif kan mallatteessan yoo ta’u, waliigaltichi muddama damee diinagdee biyyoota lameenii ni tasgabbeessa jedhameetu eegama.

Pirezidaanti Shii Jiinpiingi gama isaaniin, Ameerikaafi Chaayinaan dameewwan garaagaraan tumsaan hojjechuun michummaafi obbolummaa isaanii daran cimsuu qabu jedhan.

Biyyoonni diinagdee guddaa qaban kunneen diinagdee addunyaaf itti gaafatamummaa isaan irraa eegamu bahachuu qabu; kanaaf ammoo tumsiifi fayyadamummaan waloo murteessaa ta’uu ibsan.

Waliigaltichi guutummaatti ta’uu baatus dhimmoota hunda irratti waliigalteerra gahamuu eeruun, waliigalticha hojiirra oolchuufi diinagdee tasgabbaa’aa uumuuf tumsaafi kutannoon kan hojjetan ta’uu kaasaniiru.

Kana malees biyyoonni lameen haleellaa saayibariifi daddabarsa maallaqa seeraan alaa ittisuuf akkasumas dameewwan qabiinsa godaantota seeraan alaafi hubannoo nam-tolchee irratti waliin hojjechuuf mari’achuu BBC’n gabaaseera.

Pirezidaanti Doonaaldi Tiraampi daawwannaa Eeshiyaatti taasisan kan xumuran yoo ta’u, baatii Eebilaa dhufu Chaayinaatti daawwannaa hojii akka taasisan ibsameera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.