Mariin seenaa qabeessi Ameerikaa, Raashiyaa fi Chaayinaa eegalame
Finfinnee, Sadaasa 10, 2019 (FMC) – Mariin sadee seenaa qabeessi Ameerikaa, Raashiyaa fi Chaayinaa eegalameera.
Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaaldi Tiraampi, kan Raashiyaa Vilaadmiir Puutii fi kan Chaayinaa Shii Jiinpiingi marii sadee gaggeessuu eegalaniiru.
Pireezidaantonni biyyoota Ameerikaa, Raashiyaa fi Chaayinaa sadan qaamaan wal arganii mari’achuun isaanii seenaa keessatti yeroo jalqabaati jedhameera.
Chaayinaan hooggantoonni kunneen walga’ii kanarratti dhimmoota nagaa addunyaa waliin walqabatan irratti yaada akka wal jijjiiran ibsiteetti.
Pireezidaanti Tiraampi Chaayinaa magaalaa Sheenzhenitti argamuu isaaniitti gammaduu ibsuun, seenaa akka hojjennu nan amana jedhan.
Biyyoonni sadan miseensota hundeessitoota Mootummoota Gamtoomanii waan ta’aniif, seeraa fi sirna idil-addunyaa cimsuuf itti gaafatamummaa qabu jedhan Pireezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin.
Biyyoonni kunneen waraana Raashiyaa fi Yuukireen dabalatee, walitti bu’iinsa naannawaae adda addaa keessatti uumaman furuuf fedhii waliinii akka qaban ibsaniiru.
Marii sadan kanaan dura, hoggantoonni sadanuu mariiwwan gam-lamee adda addaa gaggeessuu isaanii BBC’n gabaaseera.
Immabeet Sisaayiin
#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa