Finfinnee, Onkoloolessa 20, 2018 (FMC)- Xiyyeeffannaa Mootummaan yeroo kamuu caalaa Kubbaa miilaaf kenne itti fayyadamuu qabna jedhan Pirezidaantiin Federeeshinii Kubbaa Miilaa Itiyoophiyaa Obbo Isaayaas Jiraa.
Federeeshinichi yaa’ii idilee 17ffaa har’a geggeesseen raawwii hojii bara baajetaa 2017 fi karoora bara 2018 irratti mari’ateera.
Pirezidaantiin Federeeshinichaa Isaayaas Jiraa yerooma kana akka dubbatanitti, Kubbaan Miilaa xiyyeeffannoo kana dura argatee hin beekne argataa jira.
Xiyyeeffannoo Mootummaan amma Kubbaa Miilaaf kenne akka carraa gaariitti fayyadamuu qabna kan jedhan Obbo Isaayaas, dhimma Garee Biyyaalessaa irratti hunduu miira abbummaa qabaachuu akka qabu hubachiisaniru.
Istaadiyeemonni dorgommii idil-addunyaa keessummeessan waan hin jirreef gareewwan sadarkaa sadarkaan jiran hundaaf birriin miliyoonni 100 fi Miliyoonni 23 baasii ta’eera jedhan.
Taphawwan Gareen Biyyaalessaa taphatu biyya keessatti keessummeessuun akka danda’amuuf Federeeshinoonni Kubbaa Miilaa Naannoolee hoggantoota naannoolee wajjin ta’uun istaadiyeemota sadarkaa isaanii eeggatan ijaaruuf akka tumsan gaafataniiru.
Guddattoota irratti hojjechuunis ittigaafatama Federeeshinichaa qofa osoo hintaane kilaboonnis itti hirmaachuu akka qaban pirezidaantichi hubachiisaniru.
kilaboonni seerota waliigalanii raggaasisan kabajuun hojimaata galii dhaabbataa ittiin argatan diriirsuu akka qabanis ibsaniiru.
Suraafeel Darajjee tu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna
 
			 
				