Fana: At a Speed of Life!

Atileetotni dargaggootaa, imala injifannoo Itiyoophiyaa haaromsuun seenaa milkaa’inaa itti fufsiiftan, boonsitoota biyya keenyaa ti! – Obbo Tamasgeen Xurunaa

Finfinnee, Sadaasa 9, 2019 (FMC) –Atileetotni dargaggootaa, imala injifannoo Itiyoophiyaa haaromsuun seenaa milkaa’inaa itti fufsiiftan, boonsitoota biyya keenyaati jedhan Ittaanaan Ministirri Muummee Obbo Tamasgeen Xurunaan.

Atileetota dargaggootaa, taphoota Olompikii Dargaggoota Addunyaa bara 2026, Seeneegaal magaalaa Daakaaritti gaggeeffaman irratti Itiyoophiyaan addunyaarraa sadarkaa 1ffaa akka xumurtu taasisan, qaamaan isaan argadhee jajjabeesseera jedhan obbo Tamasgeen.

Umrii daa’imummaa keessaniin waltajjii addunyaarratti ga’umsa olaanaan injifannoo galmeessuu alaabaa ol kaastaniiru.

Ummata Itiyoophiyaa maraaf gammachuu, guddattootaaf abdii fi fakkeenya gaarii taataniirti jechuun ibsan fuula miidiya hawaasummaa isaaniin.

Injifannoon kun boruuf ka’umsaa fi bu’uura, ofitti amanaa, abjuu keessan guddisaa, injifannoo caaluuf qophaa’aa jedhan.

Dorgommiiwwan Shaampiyoonaa Addunyaa fi Taphoota Olompikii itti aananiif dandeettii keessan caalaatti guddisuun, ciminaan, kutannoonii fi tattaaffii olaanaadhaan of qopheessaa.

Mootummaan imala milkaa’ina keessan yeroo itti aanuuf deeggarsa barbaachisu hunda ni taasisa.

Dandeettii fi gahumsa keessan yeroo hunda guddisuu, abjuu keessan dhugoomsuuf tattaafachuu, akkasumas maqaa fi alaabaa biyya keessanii addunyaa irratti itti fufiinsaan ol kaasuuf obsaan, kutannoo fi cichoominaan injifannoof dorgomuutu isin irraa eegama jedhan ergaa isaaniin.

#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.