Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaafi Hindi damee ittisaan waliin hojjechuuf waliigalan

Finfinnee, Onkoloolessa 21, 2018 (FMC) – Ameerikaafi Hindi damee ittisaan waliin hojjechuuf waliigalaniiru.

Waliigalteen kun waggoottan kurnan dhufaniif tumsa damee ittisaa biyyyoota lameeni cimsuuf kan dandeessisu.

Yeroo dhihoo as hariiroo biyyoonni lameen damee ittisaan qaban jabaachaa dhufuun eerameera.

Ministirri Raayyaa Ittisaa Ameerikaa Piit Heegist waliigaltichi, waljijjiirraa odeeffannoo, qindoominaan hojjechuufi tumsa teeknooloojii kan guddisu ta’uu ibsaniiru.

Ministirri Raayyaa Ittisaa Hindi Raajinaati Siingi gamasaaniin, waliigaltichi jabaachaa dhufuu hariiroo biyyoota lameenii kan agarsiisu ta’uu eeruun, utubaa ijoo hariiroo gamlamee biyyoottan lameenii ta’uus ibsaniiru.

Waliigalteen kun kallattii imaammataa biyyoonni lameen hariiroo ittisaarratti qaban ni akeeka jedhamuus BBC’n gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.