Itiyoophiyaan biyya gaariidha jechuu qofa osoo hin taane biyya seenaa fi qabeenya hedduu qabdu ta’uu beeksiisuun barbaachisaadha – Dooktar Abiy Ahimad
Finfinnee, Sadaasa 18, 2018 (FMC) – Itiyoophiyaan biyya gaarii fi mijattuudha jechuu qofa osoo hin taane biyya seenaa fi qabeenya hedduu qabdu ta’uu beeksiisuun barbaachisaadha jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.
Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad walga’ii Koree Qindeessituu Biyyaalessaa Cop 32 irratti argamuun kallattii hojii kennaniiru.
Itiyoophiyaan biyya gaariidha jechuu qofa osoo hin taane biyya seenaa fi qabeenya hedduu qabdu ta’uu beeksiisuun barbaachisaa ta’uu hubachiisan.
Itiyoophiyaan dhimmoota bu’uuraan ga’umsa amansiisaa qabaachuu haalan beeksiisuun murteessaa ta’uu eeran.
Qaamni sababa waltajjii kanaan gara Itiyoophiyaa dhufe biyyattii hubatee yeroo biraas deebi’ee daawwachuuf akka karoorfatu hojjechuu qabna jedhan.
Imala waggoota sadii fi walakkaa darban keessatti ijaarsa biyya fi maqaa gaarii biyyaa ijaaruu, akkasuma waltajjiin walitti nu qaban akka milkaa’aan xiyyeeffannoo addaan hojjetamaa turuu ibsan.
Yaa’iin Qabeenya Qilleensaa Mootummoota Gamtoomanii 32ffaa Itiyoophiyaan qopheessuuf jirtu yaa’iwwan idil addunyaa Itiyoophiyaan sadarkaa garaagaraan hanga ammaatti keessummeessaa turteen adda ta’uutu ibsame.
Yaa’ii ijaarsa maqaa biyyaa, guddina diinagdee, hariiroo dippiloomaasii fi siyaasaaf faayidaa olaanaa qabu kana sirnaan keessummeessuuf qophii isa madaalu taasisuun barbaachisaa ta’uu Dooktar Abiy Ahimad har’a walga’ichatti kallattii kaa’aniiru.
Yaa’iin Qabeenya Qilleensaa Mootummoota Gamtoomanii 32ffaan bara Faranjootaa 2027 qopheessummaa Itiyoophiyaan Finfinneetti gaggeeffama.
Siifan Magarsaatiin
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.