Fana: At a Speed of Life!

Taanzaaniyaan waancaa seekaafaa injifatte

Finfinnee, Sadaasa 23, 2018 (FMC) – Gareen Kubbaa Miilaa Biyyaalessaa Taanzaaniyaa umrii waggaa 17 gadii gita isaa Ugaandaa injifachuun shaampiyoonaa waancaa biyyoota Bahaa fi Giddugaleessa Afrikaa ta’eera.

Taphoota gulaallii seekaafaa qopheessummaa Itiyoophiyaan Finfinneetti taphatamaa tureen Taanzaaniyaan galchii 3 fi 2’n Ugaandaa injifachuun shaampiyoonaa seekaafaa bara kanaa taateerti.

Taanzaaniyaa, Ugaandaa fi Itiyoophiyaan waancaa Afrikaa umrii waggaa 17 gadii Moorokootti taphatamuuf darbaniiru.

Taphoota gulaallii seekaafaa biyyoota 10 gidduutti taphatamaa ture kanaan galchiiwwan 96 galaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.