Fana: At a Speed of Life!

Tapha Maanchistar Yuunaaytid sadarkaa isaa fooyyeffachuuf taphatu

Finfinnee, Sadaasa 25, 2018 (FMC) – Tapha xumuraa Sagantaa Piriimiyar Liigii Ingilaandi torbee 14’n har’a galgala Maanchistar Yuunaaytid Weestihaam Yuunaaytid walin taphata.

Tapha Maanchistar Yunaaytid galgala sa’aatii 5 iratti Oldi Tiraafoorditti Westihaamiin keessummeessu kana yoo mo’ate qabxii isaa gara 24tti ol guddisuun sadarkaa 5ffaa irra kan taa’u ta’a.

Gareewwan lamaan taphoota Piriimiyar Liigii waliin taphatan Shan keessaa Westihaam Yuunaayitid sadii yoo injifatu, Maanchistar ammoo lama mo’ateera.

Taphoota kaleessa galgala taphatamaniin Arsenaal Bireetifoordiin 2 fi 0’n injifachuun dursummaa isaa kan cimsate yoo ta’u, Cheelsiin ammoo Liidsi Yuunaayitidiin 3 fi 1’n injifatameera.

Anfiilditti Sandarlaandiin kan simate Liverpuul 1-1’n qixa yoo ba’u. Astonvillaan Biraaytaniin, Kiristaal Paalaas Barnileeyiin, akkasumas Nootingihaam Foorasti Walvisiin injifataniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo:www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.