Fana: At a Speed of Life!

Kabaja Guyyaa Saboota, Sablammootaafi Uummattootaa 20ffaa sababeeffachuun Magaalaa Hosaa’inaatti Siimpooziyeemiin gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Sadaasa 28, 2018 (FMC)- Kabaja Guyyaa Saboota, Sablammootaafi Uummattoota Itiyoophiyaa 20ffaa sababeeffachuun Magaalaa Hosaa’inaatti Siimpooziyeemiin gaggeeffamaa jira.

Siimpooziyeemii kanarratti Af-yaa’ii Mana Maree Federeeshinii ‎obbo Aganyahu Tashaagar, Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa, Pirezidaantii Naannoo Giddugaleessa Itiyoophiyaa Dooktar Indaashaaw Xaasoo dabalatee hoggantoonni olaanoon mootummaa biroon argamaniiru.

Kabajni Guyyaa Saboota, Sablammootaafi Uummattoota Itiyoophiyaa 20ffaan mata duree “ Waliigaltee Dimookiraatawaa Tokkummaa Sbadaneessaaf “ jedhuun Naannoo Giddugaleessa Itiyoophiyaa Magaalaa Hosaa’inaatti gaggeeffamaa jira.

‎Gammachuu Beekumaatu Gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.