Tapha waancaa Afrikaan har’a taphoonni sadii ni taphatamu
Finfinnee, Mudde 13, 2018 (FMC) – Tapha waancaa Afrikaa 35ffaan har’a taphoonni sadii ni taphatamu.
Har’a waaree booda sa’aatii 11:00 irraa eegalee Maaliin Zaambiyaa waliin ni taphatu.
Gareen lameen taphoota garaagaraa hanga ammaatti waliin taphatan 6 keessaa Zaambiyaan yeroo 2 yoo injifattu, Maaliin yeroo 1 injifachuun taphoota 3 ammoo qabxii qooddataniiru.
Galgala sa’aatii 2:00 irraa eegalee Afikaan Kibbaa Angoolaa waliin yoo taphattu, gareewwan Biyyaalessaa biyyoota lamaanii carraawwan garaagaraarratti taphoota hanga ammaatti waliin taphatan 19 keessaa Afrikaan Kibbaa yeroo 9 injifachuun olaantummaa qabdi.
Angoolaan ammoo si’a 4 injifachuun, taphoota 6 qabxii qooddataniiru.
Akkasumas halkan sa’aatii 5:00 irraa eegalee morkiin Ijipti Zimbaabwee waliin taasiftu ni eegama.
Biyyoonni lamaan taphoota hanga ammaatti waliin taphatan 4 keessaa arfanuu olaantummaa Ijptiin xumurameera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.