Sassaabbiin oomishaa Godina Baalee
Finfinnee, Mudde 19, 2018 (FMC) – Qonnaan bultoonni Godina Baalee qisaasama oomishaa mudatu xiqqeessuuf teeknooloojitti fayyadamuun oomisha isaanii sassaabaa jiru.
Godinichatti yeroo waqtii gannaatiin midhaan akaakuu gara garaa lafa heektaara kuma 500 fi kuma 38 ol irratti misoome teeknooloojiin deeggaramuun sassaabamaa jira jedhe Waajjirri Qonna Godina Baalee jira.
Ittigaafatamaa ittaanaan Waajjira Qonna Godina Baalee Obbo Mu’aawiyaa Fu’aadis Sadarkaa godinichaatti lafti heektaarri kumni 500 fi kumni 38 fi 500 ol waqtii gannaa midhaan akaakuu gara garaatiin misoome maashinarootaan deeggaramuun sassaabbamaa jiraachuu ibsan.
Sochii hojii hanga ammaatti taasifameen midhaan lafa heektaara kuma 146 ol irra jiru sassaabuun kuntaala miiliyoona 5.2 caalu argamuu dubbatan.
Godinichaatti lafa waliigalaa midhaan akaakuu gara garaatiin misoomerraa oomishni kuntaalli miliyoonni 19.1 ni argamaan kan eegamu ta’uu ragaan Waajjira Qonna Godinichaarraa argame ni mul’isa.
Olyaad Ahmaditu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.