Fana: At a Speed of Life!

Taphni Har’a Maanchiister Siitiin Cheelsii waliin taphatu ni eegama.

Finfinnee, Mudde 26, 2018 (FMC) – Taphoota Piriimeer Liigii Ingiliiz torbee 20ffaan taphni har’a maanchiister Siitiin Cheelsii waliin taasisu ni eegama.

Har’a waaree booda sa’aatii 9:30 eegalee Liidis Yuunaayitiid Maanchiister Yuunaayitiid waliin morkata.

Sa’aatii 12:00 jalqabee morkiin Eevartan – Bireentifoord, Fuulhaam – Liiverpuul, Niwuukaasiil – Kiristaal Paalaas, akkasumas Tootenhaam – Sandarlaandi waliin taasisan ni eegama.

Galgala sa’aatii 2:30 eegalee taphni guddaan torbichaa Maanchiister Siitiin kilaba Lixa Landan Cheelsii keessummeessu hawwiin eegama.

Maanchiister Siitiin garaagarummaa Arsenaal waliin qabu dhiphisuuf, Cheelsiin ammoo sadarkaa isaa fooyyeffachuuf falmii cimaa taasisuun eegama.

Kilaboonni lamaan taphoota waltajjiiwwan adda addaarratti hanga ammaatti waliin taphatan 180 keessaa Siitiin yeroo 67 yoo injifatu, Cheelsiin yeroo 71 injifachuun olaantummaa qaba.

Taphoota 42 ammoo qabxii qooddataniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.