Fana: At a Speed of Life!

Tapha ramaddii xumuraa Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa…

Finfinnee, Amajjii 20 , 2018 (FMC) – Taphoonni ramaddii xumuraa Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa har’a galgala ni taphatamu.

Kaayiraat, Silaaviyaa Piraag, Viyaariiyaal fi Ayintiraafiraankfart dorgommicha keessaa kan gaggeeffaman yoo ta’an, gareewwan hafan 30 gara 16’tti darbuuf ni morkatu.

Sadarkaa 1ffaa- 8ffaa qabatanii warreen xumuran kallattiin tapha mo’anii darbuutti kan makaman yoo ta’u sadarkaa 9ffaa-24ffaan kan xumuran ammoo tapha mo’atanii darbuu taphachuun warreen 16’tti makamu.

Arseenaal fi Baayarnimuuniik sadarkaa 1ffaafi 2ffaa qabachuun tapha mo’anii darbuutti dursanii kan makaman yoo ta’u gareewwan sadarkaa 3ffaa-32ffaa jiran kallattiin darbuu fi tapha mo’anii darbuuf gahuu isaanii mirkaneeffachuuf morkii xumuraa taasisu.

Taphoonni ramaddii xumuraa Shaampiyoonsi Liigii hundi har’a galgala sa’aatii 5:00 irraa eegalee kan taphataman yoo ta’u taphoota ramaddii torban darbanii kan injifate Arseenaal tapha tokkoyyuu kan hin injifanne Kaayiraat waliin Eemireetisitti taphata.

Arseenaal dirree isaarratti Kaayiraatiin yoo injifate kilaba jalqabaa taphoota hunda injifate ta’a.

PSG- Niwukaasil Yuunaayitid, Riyaal Maadiriid- Beeneefiikaa, Naappoolii- Cheelsii, Liivarpuul- Kaaraabaag, Baayarnimuuniik- PSV, Maanchistar Siitii- Gaalaataasaraay, Intar Miilaan- Boorsiyaa Doortimuund, Juuveentuus- Moonaakoo, Baarseeloonaa- Koophanhaagan, akkasumas Ayintiraa Firaankifart Tootanhaam Hootispuur waliin galgala ni taphatu.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.