Fana: At a Speed of Life!

Daawwannaan Baakaarii Saanyaa tuurizimii ispoortiif ga’ee guddaa qabaata – Salaamaawiit Kaasaa

Finfinnee Amajjii 22, 2018(FMC) – Taphataan duraanii Arsenaal Baakaarii Saanyaan Itoophiyaa daawwachuun tuurizimii ispoortiif ga’ee guddaa qabaata jedhan Ministirri Tuurizimii Salaamaawiit Kaasaa.

Salaamaawwiit Kaasaan fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka ibsanitti, Itiyoophiyaa kan daawwachaa jiru taphataa duraanii Arsenaal Baakaarii Saanyaa waliin turtii isaa Itiyoophiyaa ilaalchisee mari’ataniiru.

Bakeewwan ispoortii magaalattiitti ijaaramaa jiran fi xiyyeeffannaan damichaaf kenname ispoortessitoota bakka bu’oota ykn jalaan ka’ii horachuuf abdii kan kennu ta’uu akka kaasan ibsan.

Baakaarii Saanyaa Godambaa Yaadannoo Adwaa fi Paarkii Tokkummaa dabalatee bakkeewwan adda addaa daawwachuu fi bakkeewwan magaalattii adda addaa daawwate ilaalcha duraan waa’ee Itiyoophiyaa irratti qabaachaa ture akka jijjiiran dubbachuu isaa eeraniiru.

Keessumaa ispoortessitooti Itiyoophiyaa jaal’atan simannaa ho’aan isa simachuun isaanii akka isa gammachiises ibseera jedhan.

Urjiiwwan akka Baakaarii Saanyaa beekkamtii idil addunyaa qaban gara argama dhala namaa Itiyoophiyaatti dhufuun Tuurizimii Ispoortiif ga’ee olaanaa qabaata jechuun ergaa dabarsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.