Taphoonni torbee 12ffaa Piriimeer Liigii Ingilaandi har’aa eegaluun taphatamu
Finfinnee, Sadaasa 18, 2019 (FMC) – Taphoonni torbee 12ffaa Piriimeer Liigii Ingilaandi tapha har’a Notiingahaam Foresti Cheelsii keessummeessuun eegalamu.
Har’a halkan sa’aatii 5:00 eegalee Notiingahaam Foresti Cheelsii waliin taphata.
Boru waaree booda sa’aatii 12:00 jalqabee Liidis Yuunaayitiid – Kooventarii Siitii, akkasuma Maanchiister Yuunaayitiid – Bireentifoordi waliin taphatu.
Galgala sa’aatii 2:30 eegalee Ippisiwiichi Taawoon – Astoon Viilaa waliin falmata.