Kaadhimamtoonni xumuraa badhaasa taphataa cimaa Afrikaa ifooman
Finfinnee, Sadaasa 16, 2019 (FMC) – Konfedereeshiniin Kubbaa Miilaa Afrikaa (CAF), badhaasa taphataa cimaa Afrikaa bara 2026 kennuuf dorgomtoota shanan xumuraa ifoomseera.
Haaluma kanaan Ismaa’el Saayibaa, Ashiraaf Haakimii, Biraahiim Diyaaz, Paape Guyee fi Saadiyoo Maanee kadhimamtoota xumuraa ta’uu isaanii ibseera.
Akkasuma Vooziiniihaa Keeppi Vardeerra, Yaasiin Boonuu Moorookoorraa, Eedwaardi Maandin Seeneegaalirraa karra eegdota xumuraaf gahaniidha.
Buubuusiitaan Keeppi Vardeerra, Mohaammad Oowuhaabbiin Moorookoorraa, Paappee Tiyaawu Seeneegaalirraa leenjiftoota badhaasa xumuraaf gahaniidha.
Sirni badhaasa kun Sadaasa 23, 2019 Naayijeeriyaa magaalaa Leegoositti gaggeeffama.
#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa