Bu’aan caalbaasii sharafa alaa ifoome
Finfinnee, Amajjii 26, 2018 (FMC)– Baankiin Biyyaalessaa bu’aa caalbaasii sharafa alaa guyyaa har’aa gaggeesse ifoomseera.
Caalbaasii kanaaf Doolaarri miiliyoonni 70 dhiyaachuufi adeemsa isaarratti baankonni 19 hirmaachuu eeruun, baankonni 8 injifachuu ibseera.
Caalbaasichaan giddugaleessaan gatiin Doolaara tokkoo Birrii 155. 0506 ta’uun galmaa’uu eereera.
Baankichi bu’uura sagantaa Kanaan dura baaseen yeroo itti aanutti caalbaasii kan geggeessu ta’uus beeksiseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.