Afrikaan Kibbaa Baankii Afrii Egziimitti makamte
Finfinnee, Amajjii 27, 2018 (FMC) – Afrikaan Kibbaa Baankii Al ergii fi galchii (Afrii Egziimitti) makamteerti.
Paarlaamaan biyyattii Baankii Afrii Egziimitti akka makamtu murtoo bara Faranjootaa 2025 dabarseen Afrikaan Kibbaa dhaabbata maallaqaa Guddaa Afrikaatti makamuutu ibsame.
Kana hordofee baankichi sagantaa diinagdee biyyattii tumsuuf Doolaara biiliyoona 8 liqaan kennuuf waliigaltee mallatteesseera.
Baankiin Afrii Egziim waggoottan 30’n darban Afrikaatti dhaabbata Faayinaansii dhiibbaa oolaanaa uumu ta’eera jedhan Pireezidaantiin Afrikaa Kibbaa Siiriil Raamaafoozaan.
Waliigalteen liqaa maallaqaa baankicha waliin taasiifames sagantaa beeksisa daldalaa, Paarkiilee Indaastirii fi Zooniwwan Diinagdee Addaa cimsuuf kan oolu ta’uu dubbatan.
Miikiyaas Ayyalaatiin.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.