Nageellee Arsiin Maqalee 70 Indartaa injifate
Finfinnee, Amajjii 28, 2018 (FMC) – Taphoota CBE Piriimeer Liigii Itiyoophiyaa torbee 19ffaa har’a taphatameen Nageellee Arsiin Maqalee 70 Indartaa injifachuun morkii isaa cimsateera.
Tapha har’a waaree booda sa’aatii 9:00 eegalee Istaadiyeemii Saayinsii fi Teeknooloojii Yuunivarsiitii Adaamaatti taphatameen Nageellee Arsiin galchii 1 fi 0’n Maqalee 70 Indartaa injifateera.
Nageellee Arsiin taphoota hanga ammaatti taphateen qabxii 35 walitti qabachuun Buna Sidaamaan galchiin caalamee sadarkaa 2ffaa qabateera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.