Obboleewwan lameen Waltajjii falmii Faanaa irratti…
Finfinnee, Guraandhala 20, 2018 (FMC) – Hikmaa Kayiraddiin fi Nabiihaa Mahaammad jedhamu.
Obboleewwan ilmaan haadha tokkoo ta’an kunneen ilaalcha siyaasaa garaagaraa hordofu.
Aadde Hikman Paartii Badaadhinaa aadde Nabiihaan ammoo Paartii Bilisummaafi Walqixxummaa bakka bu’uun waltajjii Faanaa irratti filannoo Waliigalaa 7ffaaf dhimma fayyaa irratti walfalmaniiru.
“Garaagarummaan ilaalcha siyaasaa waanuma ture gara fuulduraattis kan jiraatudha” kan jedhan obboleewwan lameen garaagarummaan ilaacha siyaasaa isaanii obbolummaa isaaniirratti dhiibbaa kan hin qabne ta’uu ibsan.
Obboleewwan lameen filannoo Waliigalaa 7ffaaf yaadama paartilee isaanii beeksisuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiru.
Waltajjii falmii Faanaa har’a gaggeeffame irrattis aadde Hikmaan fi aadde Nabihaan imaammata fayyaa irratti walfalmaniiru.
Obboleewwan lameen Faanaa Miidiyaa Korporeeshiniif akka ibsanitti, “garaagarummaan abaarsa miti; garaagarummaa yaadaa karaa ammayyaa’een furuun qaroomuudha”.
Afawarqi Iyyaayyuun.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.