Fana: At a Speed of Life!

Dippiloomaasiin Ispoortiifi hojiin bu’uuraalee misoomaa Ispoortii keenya bu’aa buusaa jira- Kantiibaa Adaanech Abeebee

Finfinnee, Guraandhala 25, 2018 (FMC) – Hariiroon Idil-addunyaafi dippiloomaasiin Ispoortii akkasumas hojiin bu’uuraalee misoomaa Ispoortii keenya bu’aa buusaa jira jedhan Kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebeen.

Aadde Adaanech Abeebeen ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, Itiyoophiyaan yeroo jalqabaaf dorgommii idil-addunyaa Finfinneetti qopheessuuf carraa argachuufi kaalaandarii Atileetiksii Addunyaa keessa galuu akka dandeesse ibsaniiru.

Dorgommichi bara faranjootaa Eebila 18, 2026 kan gaggeeffamu ta’uu eeruun, dorgommichi biyya keenyaaf akkasumas ogeeyyii Atileetiksiif carraa guddaadha jedhan.

Bu’aa guddaan kun akka galmaa’uuf kan carraaqxan hundi baga gammaddan jedhaniiru.

Daayrektarri Olaanaan Dorgommii Atileetiksii Addunyaa Piirsi Ooklaagaan wayita Itiyoophiyaatti daawwannaa hojii taasisan biyyattiin dorgommiiwwan idil-addunyaa qopheessuuf dandeettii gahaa qabaachuufi dorgommiiwwan garaagaraa gara Itiyoophiyaa fidna jechuun isaanii kan yaadatamudha.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.