Kantibaa Adaanech Abeebeen kutaalee hawaasaa garaagaraaf maaddii qoodan
Finfinnee, Bitootessa 9, 2018(FMC) – Kantibaan Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebeen kutaalee hawaasaa garaagaraa kuma 100 oliif maaddii qoodaniiru.
Kutaalee hawaasaa harka qalleeyyii, maanguddoota, qaama miidhamtootaa fi kanneen biroof maaddii qooduu dubbatan.
Sagantaan maaddii qooduu kun kutaaalee fi aanaalee magaalichaa hunda keessatti gaggeeffamaa jiraachuu ibsan Kantibaa Adaanech fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin.
Baatii Ramadaana kana keessa lammiilee kuma 27 oliif baatii guutuu giddugala nyaataa 28 keessatti sagantaan Ifxaraa gaggeeffamuun rakkoo malee akka dabarsan taasiifamuu dubbatan.
Maaddii kan qoodni rakkoo yeroo furuuf qofa osoo hin taane kabaja ummataaf qabnu mul’isuufi jedhan.
Duudhaa Obbolummaa fi walgargaarsaa guddisuuf ta’uu kaasan.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.