Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaan Boombii dahannaa diigu fayyadamuu eegalte

Finfinnee, Bitootessa 9, 2018 (FMC) – Ameerikaan Boombii dahannaa cimaa diigu fayyadamuu eegaluu gabaafame.

Ameerikaan, Iraan meeshaalee waraanaa hedduu lafa jalatti dhoksite jechuun boombii kiiloo giraama kuma 2 fi 270 ulfaatu dahannaa lafa jalaa diiguu danda’u fayyadamuu eegaluu ibsame.

Dahannaa ciccimoo lafa jala jiranirratti qiyyeeffachuun haleellaa eegaluutu gabaafame.

Waraanni Ameerikaa Qarqara galaanaa iddoolee Iraan Misaa’eeloota furgigsiturratti haleellaa raawwachuu kan beeksise yoo ta’u, gosa Boombii fayyadame garuu ifatti hin beekisifne.

Waraana guyyoota 19 lakkoofsise kanaan Ameerikaa fi Israa’eel haleellaa adda hin cinne Misaa’elaa fi Xiyyaaraan Iraanirratti raawwachaa jiraachuu BBCn gabaaseera.

Iraanis deebii itti fufaa kennee jirtuun Israa’eelii fi michoota Ameerikaa haleelaa jirti.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.