Fana: At a Speed of Life!

Obbo Ahimad Shiideen Itiyoophiyaatti Ambaasaaddara Chaayinaa waliin mari’atan

Finfinnee, Bitootessa 9, 2018 (FMC) – Ministirri Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shiideen Itiyoophiyaatti Ambaasaaddara Chaayinaa Cheen Haayi waliin mari’ataniiru.

Dhimmoota tumsa diinagdeerratti mari’ataniiru.

Haala ijaarsa Piroojektii Buufata Xiyyaaraa guddicha Bishooftuu maallaqaan tumsuun danda’amurratti mari’achuu ragaan Ministeera Maallaqaarraa argame ni mul’isa.

Jilli Ambaasaaddar Cheen Haayi miseensota Baankii Egziim hammatee fi jilli Itiyoophiyaa akkaataa hammattoo garee 20’n siiqinsa idaa Itiyoophiyaa fooyyessuun danda’amurratti mari’ataniiru.

Adeemsa Siiqinsa Idaa Itiyoophiyaa keessatti qooda Chaayinaan bahatteef Obbo Ahimad Shiideen galateeffataniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.