Ministeerri Qonnaa lammiilee Godinaa Gaamootti sigiga lafaan miidhaman Birrii miiliyoona 35.5 ol deeggare
Finfinnee, Bitootessa 10, 2018 (FMC) – Ministeerri Qonnaa lammiilee Godinaa Gaamoo balaa sigiga lafaan miidhaman Birrii miiliyoona 35 fi kuma 500 ol deeggare.
Deeggarsicha Ministirri Ministeera Qonnaa obbo Addisuu Araggaan Pirezidaantii Naannoo Kibbaa Itiyoophiyaa obbo Xilaahun Kabbadaatti kennaniiru.
Dabalataanis Ministeerichi Konkolaattota Piikaappii lama deeggarsa kennuu ragaan Kominikeeshinii Naannichaarraa argame ni mul’isa.
Godinichatti rooba cimaa Guraandhala 30 fi Bitootessa 1, 2018 roobe hordofee sigigni lafaa mudate lubbuu namaa dabarsuufi qabeenyarra miidhaa qaqqabsiisuun kan yaadatamudha.
Balichi aanaalee Gaacoo Baabbaa, Boonkee fi Naannawaa Kaambaa dabalatee iddoowwan garaagaraatti miidhaa cimaa qaqqabsiiseera.
Keessumaa balichaan haalaan kan miidhamte aanaa Gaaccoo Baabbaa ganda Maazee Dooyisaatti namoonni lammiilee balichaan lubbuu isaanii dhaban baasuuf hirmaachaa turan 125 balichaaf saaxilamaniiru.
Deeggarsi dhaabbileen mootummaa fi dhuunfaa garaagaraa miidhamtootaaf taasisan cimee itti fufeera.
#Oromia #Ethiopia