Ayyaana Iid Al-Faxrii 1,447ffaa Sababeeffachuun Madfiin Si’a 9 Ni Dhuka’a
Finfinnee, Bitootessa 10, 2018 (FMC) – Ayyaana Iid Al-Faxrii 1,447ffaa boru kabajamu sababeeffachuun madfiin si’a sagal akka dhuka’u Ministeerri Ittisaa Biyyaa beeksise.
Madfiin kun boru Bitootessa 11, bara 2018 ganama sa’aatii 12:00 irratti akka dhuka’u Giddu-galli Hojiiwwan Ispoortii fi Tiyaatira Ittisaa Faanaa Diijiitaaliif ibseera.
Kanaafuu, jiraattonni magaalichaa dhimma kana irratti odeeffannoo ga’aa akka qabaatan Qajeelchi Olaanaan Poolisii Finfinnee hubachiiseera.
#Oromia #Ethiopia