Meeshaaleen kontiroobaandii Birrii biiliyoona 53 olitti tilmaamaman to’atamaniiru- Poolisii
Finfinnee, Bitootessa 10, 2018( FMC)- Bara 2012 irraa eegalee meeshaaleen kontiroobaandii al-ergiifi alaa galan Birrii biiliyoona 53 olitti tilmaamaman to’atamaniiru jedhan Ajajaan Waliigalaa Poolisii Federaalaa Komishinarri Jeneraalaa Dammallaash Gabramikaa’el.
Poolisiin Federaalaa Komishinii Farra Malaanmaltummaa Federaalaa waliin ta’uun guyyaa har’aa hojiiwwan yakkoota malaanmaltummaa ittisuufi qorachuun namoota yakkicha raawwatan haqatti dhiyeessuuf hojjechaa ture gamaaggameera.
Komishinarri Jeneraalaa Dammallaash Gabramikaa’el wayita kana oppireeshinii cimaa biyya keessaafi alatti gaggeeffameen namoota dhuunfaa yakka malaanmaltummaan qabeenya uummataafi biyyaa saamuun shakkaman 384 to’annoo jala oolchuun qorannoon irratti gaggeeffamaa akka jiru ibsaniiru.
Yakkoonni malaanmaltummaafi kontiroobaandii hidhata qabaachuu ibsuun, bara 2012 asitti meeshaaleen kontiroobaandii Birrii biiliyoona 53 olitti tilmaamaman to’atamuu eeraniiru.
Baatiiwwan jahan darban qindoomina dhaabbilee nageenyaa biroo waliin ta’uun oppireeshinii gaggeeffameen meeshaaleen kontiroobaandii al-ergiifi alaa galan Birrii biiliyoona 14 olitti tilmaamaman to’atamuu ibsaniiru.
Haaluma Kanaan Birrii biiliyoona 53 ol deebisiisuun danda’amuu kaasanii, waggoottan riifoormiin dura kan galmaa’e Birrii biiliyoona lamaa waliin yoo madaalamu caalmaa guddaa qabaachuu eeran.
Riifoormii gaggeeffameen hojii ittisaafi to’annoo yakka malaanmaltummaaf xiyyeeffannoon kennamuu kaasanii, waggoottan jijjiiramaa darbanitti bu’aa olaanaan galmaa’uu yaadachiisaniiru.
Meeshaalee qorannoo ammayyaa fayyadamuun hojiin qorannoo iftoomina qabuufi sadarkaa idil-addunyaa eeggate akka ta’uuf hojjetamaa jiras jedhaniiru.
Tattaaffii malaanmaltummaa ittisuu keessatti hawaasni karaa tajaajila poolisii nam-maleessa, Appilikeeshinii ‘EFP’ fi toora bilbila bilisaa 991’n eeruu kennuun milkaa’ina galmaa’e keessatti qooda olaanaa qabaachuu ibsaniiru.
Komishinarri Komishinii Naamusaafi Farra Malaanmaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Hurqaatoon gama isaaniin, Poolisiin Federaalaa hojii ittisaafi qorannoo yakkaa ammayyeessuufi dorgomaa taasisuuf hojiin hojjechaa jiru akka biyyaatti kan nama boonsudha jedhan.
#Oromia #Ethiopia