Fana: At a Speed of Life!

Barattuu qabxii A+ 51 fi waancaa lamaan badhaafamte

Finfinnee, Bitootessa 13, 2018 (FMC) – Yuunivarsiitiin Maqdalaa Ambaa guyyaa har’aa mooraa Giimbaafi Makaanasalaam irraa barattoota 698 eebbisiiseera.

Barattoota Yuunivarsiitichi eebbisiise keessaa barattuu Qaalkidaan Taazab Muummee Baayooloojii irraa A+ 51 fi A jaha fiduun qabxii 4 fiddee eebbifamteetti.

Jabaattee hojjechuun milkaa’ina Kanaan ishee gahuu fi qabxii galmeessitetti gammaduu barattuun kun ibsiteetti.

Deeggarsi barsiisotaafi maatii ishee qooda olaanaa qabaachuus eerteetti.

Barattuu Qaalkidaan Yuunivarsiiticharraa qabxii olaanaa galmeessisuun waancaa lama badhaafamteetti.

Seeneetiin Yuunivarsiitii Maqdalaa Ambaas barattuu Qaalkidaan yuunivarsiiticha barsiisummaan akka tajaajiltuufi carraa barnootaa akka argattu murteesseera.

Barattuu Iyyarus Birhaanuu ammoo Yuunivarsiitii Walloo Kolleejjii Biiznasiifi Ikonoomiksii Muummee Akkaawuntiingiifi Faayinaansii irraa qabxii 3.97 fiduun waancaa lama badhaafamteerti.

Yuunivarsiitiin Walloo guyyaa har’aa barattoota kuma 1 fi 444 eebbisiiseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.