Fana: At a Speed of Life!

Kuwaataaritti helekooptarri waraanaa kufuun lubbuun namoota 7 darbe

Finfinnee, Bitootessa 13, 2018 (FMC) – Kuwaataaritti helekooptarri waraanaa kufuun lubbuun namoota 7 darbeera.

Helekoooptarri kun hojii idileerra osoo jiruu rakkoo teekinikaan kufuu Ministeerri Ittisaa biyyattii beeksiseera.

Namoonni helekooptaricha keessa turan torba du’uu ministeerichi ibsuu Aljeezraan gabaaseera.

Helekooptara kana keessa lammiilee Turkiyyee kan ta’an namoonni siiviilii sadii fi loltuun tokko akka turan Ministeeronni biyyoota lameenii ibsaniiru.

Ka’umsa balichaaf qorannoon dabalataa kan gaggeeffamu ta’uunis eerameera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.