Fana: At a Speed of Life!

Ergaa Waajjira Ministira Muummee

Loojiin Nii’iin Lee Palm jannata lafarraa; hunda hammataa!
Yaadama Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimad fi qaama pirojektii ‘ Maaddiin Dhalootaaf” kan ta’e Loojiin Nii’iin Lee Palm, ragaa badhaadhina hawaasaafi guddina biyyaalessaa mirkaneessuuf kutannoofi ogummaa hoggansa abbaa mul’ataa agarsiisudha.

Loojicha keessatti kuduraaleefi mukkeen garaagaraa kan misooman; lafa kaaree meetira kuma 78 irratti kan ijaarame yoo ta’u, iddoo bishaan ho’aa itti daakan, haroowwan namtolchee gurguddoo lamaa fi daandii imala lafoof mijatu kiiloo meetira 3.2 qaba.

Kutaawwan itti aara galfii isaas viillaawwan pirezidaantummaa iddoo daakkii bishaanii qofa qofaatti qaban, kutaalee ciisichaa walitti qabatan 12 fi kutaalee ciisichaa abbaa ciisicha tokkoo 16 of keessaa qaba.

Dabalataanis galmawwan nyaataa ammayyaa, gamoo keessummaan itti simatamu, galma walga’ii, kutaawwan Biirolee, iddoo dhaabbii konkolaataa fi bakka helekooptaroota lama si’a tokkotti qubachiisuu danda’u qabateera.

Loojiin Nii’iin Lee Palm bakka gahumsa tuurizimii ta’uurra darbee, daawwattootaa harkisuun yaa’iiwwan gurguddoo keessummeessuuf dandeettii dabalataati.

Dameewwan keessummeessuu fi tajaajilaan carraa hojii bal’aa uumuun diinagdee naannawichaaf dadammaqiinsa olaanaa kan uumu yoo ta’u pirojektichi sagantaa ‘Maaddiin Dhalootaaf” jedhuun mul’ata hoggansa cimaan bakka gahumsa tuurizimii sadarkaa idil-addunyaa eeggate dhiyeessuu jedhu qabatee guddina naannawaa walitti fufiinsa qabuuf akka mootaraatti tajaajila.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.