Yuunivarsiitiin Arsii Barattoota kuma 1 ol eebbisise
Finfinnee, Bitootessa 26, 2018 (FMC) – Yuunivarsiitin Arsii Barattoota muummee Barnootaa garaagaraan barsiisaa ture kuma 1 fi 16 eebbisiiseera.
Yuunivarsiitichi barnoota sagantaa idilee fi idilee alaan Digirii jalqabaa, 2ffaa, fi Ispeeshaaliitiin barsiisaa ture guyyaa har’a eebbisiisera.
Pirezidaantiin Yuunivarsiitichaa Dooktar Fiqaaduu Mitikkuu, Yuunivarsiitichi qulqullina barnootaa fooyyessuuf ajandaalee akka biyyaatti bocaman hojiirra oolchuun xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.
Yuunivarsiitiin Arsiis hojii baruufi barsiisuun cinaatti qorannoowwan garaagaraa gaggeessuun hojiilee hawaasa naannawichaa fayyadan hojjechaa jiraachuu himaniiru.
Eebbifamtoonni hojiilee guddinaafi badhaadhina biyyaa mirkaneessuf hojjetamaa jiran irratti wayita hirmaatan amanamummaan tajaajiluun qooda isaanii akka bahatanis waamicha dhiyeessaniiru.
Faxxanaa Zawudeetu gabaase.
#Oromia #Ethiopia